Aadde Daagmaawiit Gaambeellaa galan
Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Geejjibaa Aadde Daagmaawiiti Magos daawwannaa hojiif Gaambeellaa galaniiru.
Jilli aadde Daagmaawiitiin durfamu wayita buufata xiyyaaraa Gaambeellaa ga’u Preezdaantii naannichaa obbo Umood Ujuluu dabalatee hoggantoota olaanoo naannichaan simatamaniiru.
Aadde Daagmaawiit Ijaarsa dhaabbii Doonii duraanii Laga Baaroorratti argamuu fi buufata konkolaataa magaalaa Gaambeellaa daawwachuun biqiltuu dhaabaniiru.
Damee Geejjibaa ammayyeesuuf tarsiimoo waggoottaan kurnan dhufaniirratti mootummaa naannichaa waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Waaree booda qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii kan taasiisan ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.