Fana: At a Speed of Life!

Aadde Alamituu Umood Pireezidaantii Naannoo Gaambeellaa ta’uun mudaman

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC) – Manni Maree Naannoo Gaambeellaa Yaa’ii Ariifachiisaa gaggeessaa jiruun Aadde Alamituu Umood Pireezidaantii naannichaa taasiisuun muudera.

Aadde Alamituun Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii, akkasumas biiroolee biroottis sadarkaa hoggansaan tajaajilaniiru.

Hanga guyyaa har’aatti ammoo Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaatti Ministir Deetaa Damee Daa’immanii ta’uun tajaajilaa turan.

Har’a Pireezidaantii naannichaa ta’uun waggoottaan jahan darbaniif tajaajilaa kan turan Obbo Umood Ujuuluurraa ifatti aangoo fudhataniiru.

Manni marichaas mudamicha sagalee guutuun raggaasiisuu ragaan Biiroo Koominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.