Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanich Abeebee Preezdaantii fi itti aantoota Preezdaantii Paartii Badhaadhinaaf bara hojii gaarii hawwan

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) – Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanich Abeebeen Preezdaantii fi itti aantoota Preezdaantii Paartii Badhaadhinaa har’a filatamaniif bara hojii gaarii hawwaniiru.

Kabajamoo Dr. Abiy Ahimad preezdaantii paartii keenyaa, kabajamoo obbo Adam Faaraahi itti aanaa preezdaantii, kabajamoo Dammaqaa Makonnin itti aanaa preezdaantii ta’uun adeemsa baayy’ee diimokiraatawaa ta’een filatamtanii ummata keessan tajaajiluu fi Ityoophiyaa qormaatarraa gara olka’iinsaatti ceesisuuf carraa waan argattaniif bara hojii gaarii akka isiniif ta’un isiniif hawwa jedhan.

Guutummaan Ummata Ityoophiyaatis isin waliin ta’uun akka hojjatuu fi akka isin gargaaru abdiin qaba.

Miseensoonni fi deeggartoonni paartii keenyaa marti baga gammmanne!! jedhaaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.