Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaaneech Qaammee 4 guyyaa galataa sababeeffachuun ergaa dabarsan

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC)- Itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee, Qaammee 4 guyyaa galataa sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru.

Aadde Adaaneech fulaa Feesbuukii isaaniin akka beeksisanitti, har’i guyyaa galataati guyyaa galataa sababeeffachuun hunda dursee uumaa keenya inni har’aan nu gahe galata guddaa qaba jedhaniiruu.

Dabalataniis yoo balleessinu, kan nu gorsan, yoo gaddinu kan nu jajjebeessan, kan nu barsiisan, dulloomnees kan nu kunuunsan abbootii, haadholii, obbolaa fi ijoollee qabna. hundaafuu beekkamtii fi galatatu malaf jedhaniiru.

Yeroo qormaanni jiru kanatti natti qorre,dadhabe,dhukkubsadhe, osoo hin jenne magaalaa keenya kan qulqulleessan, ummata ishee kan eegan, dhukkubsattoota ishee kan yaalan, hawaasa kan geejjiban, kan beela’e kan nyaachisan, dadhabdootaa fi harka qalleeyyii kan gargaaran, gootonni keenya baay’ee hin faarfamin galata guddaatu isaaniif malas dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.