Aadde Adaaneech ijaarsaa piroojektii qarqaraa laga Qabannaaf dhagaa bu’uura ka’an
Finfinnee, Guraandhala 9, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaaneech Abeebeen ijaarsaa piroojekti qarqaraa laga Qabbannaaf dhagaa bu’uura ka’aaniiru.
Bulchinsi magaalicha Magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee midhaagduu taasisuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu eeruun, kana keessaas piroojektiin midhaaginaa qarqaraa lagaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Guyyaa har’as kantibaa Adaaneech qaama piroojektichaa kan ta’ee qarqaraa laga Qabbannaa fageenyaa kiiloo meetira 2.5 qabuuf ijaarsaa dhagaa bu’uura ka’aaniiru.
Ijaarsi isaa Yuuroo miiliyoona 5 Mootummaa Xaaliyaaniirrraa deeggarsaan argameen baatiwwaan 23 keessaatti xumuramuu ummataaf bana akka ta’uu eeraniiru.
Magaalaa Finfinnee midhaagsuu fi jiraatootaa isheef toltuu taasisuun cimee kan itti fufuu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjiraa Kantibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.