Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanechii fi hoggantoonni olaanoon magaalaa Finfinnee haadha Heevan jajjabeessan

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi hoggantoonni olaanoon magaalichaa haadha Heevan argachuun jajjabeessaniiru.

Daa’ima umrii waggaa 7 haala suukaneessan dhabuun waggaa guutuu haqa malee kan turte Haati tun adeemsa haqaa akka hordoftu, haalli jireenya ishee akka fooyya’uu fi dhiibbaa isheerra qaqqabu malu hir’isuuf jecha mana jireenyaa akka argattuu fi ogummaa baratteen Finfinnee keessatti akka hojjettu bulchiinsi magaalichaa haala mijeessuufi Aadde Adaanech himaniiru.

Dhimmi Heevan haqa akka argatu taasisuun miidhaa daa’immaan biroorra gahu hir’isuu ta’uu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Yakki raawwatame dhimma nama hunda ilaallatu ta’uu hubachuun qaamni hundi itti gaafatamummaa irraa eegamu bahuu qaba jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.