Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanecha barattoota qormaata kutaa 12ffaa bara 2016 qabxii olaanaa galmeessan badhaasan

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebeen barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016’n qabxii olaanaa galmeessan badhaasaniiru.

Barattoota manneen barnootaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee sadarkaa biyyaalessaatti qabxii 500 fi isaa ol galmeessan 484, akkasumas hoggantootaa fi dhaabbilee barnootaa badhaasaniiru.

Barattuu Sifeenee Takluu qabxii 575 galmeessuun badhaafamtuu jalqabaa yoo taatu, Barattuu Ma’iidoota Iskindiirii fi barattuu Sooliyaanaa Haabtaamuun qabxii 573 walqixa galmeessuun badhaafamaniiru.

Akkasumas Barattuu Yaasmiin Kadir qabxii 570 galmeessuun sadarkaa 3ffaan badhaafamuu ragaan fuula miidiyaawaa hawaasummaa Kantibaa Adaanech Abeebeerraa argame ni mul’isa.

Barattoonni Shamarranii kunneen badhaasa dabalataan carraa barnoota biyya alaa argachuu himaniiru.

Aadde Adaanech,Barattoota, Manneen Barnootaa fi hoggansa barnootaa sadarkaa biyyaalessaa fi magaalaatti qabxii galmeessan kanneen galateeffataniiru.

Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Hogganaa Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalem Mulaatuu dabalatee hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa, maatiin barattootaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef sagantaa badhaasaa fi beekamtii kanarratti argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.