Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Tajaajila dijitaalaawaa Mana Kitaabaa Abrihootitti eegalchiisan

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Mana Kitaabaa Abrihootitti tajaajila dijitaalaawaa eegalchiisuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Manni kitaabichaa tajaajila amma kennaa jiruun giddugaleessan dubbistoota kuma 15 akka keessummeessu eeruun, kitaabileen kuma 80 gara dijitaalaatti geeddaruun, tajaajilchi dubbistoota dachaa ol akka qaqqabu akka taasisu gama miidiya hawaasumma isaaniin ibsaniiru.

Dhaloonni bakka itti dubbisuu dhabuurraan kan ka’e malee haalonni yoo mijannaaniif dubbisuudhaan ofii isaa ga’oomsuuf kan tattaafatu ta’uu argineerra jedhan.

Dabalataanis, kutaalee magaalaatti manneen kitaabaa haaraa ijaaraa, kanneen xumuraman meeshaaleen akka guutaman taasisuun dhaloota sababaawaa fi dubbisaa horachuun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.