Aadde Adaanech muuxannoo karooraa misoomaa, sirna faayinaansii fi galii walitti qabuu Finfinnee qoodan
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, karoora misooma fuulduree, sirna faayinaansii fi galii walitti qabuu bulchiinsa magaalichaa ilaalchisee muuxannoo qoodaniiru.
Aadde Adaanech Fooramii Invastimantii Afrikaa Morokoo Marakaashitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataniiru.
Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, waltajjicharratti hirmaachuun gufuulee fi carraalee guddina magaalotaa, daandilee madda faayinaansii guddina magaalotaaf tumsaan irratti bal’inaan mari’atamuu kaasaniiru.
Haaluma kanaan muuxannoo karoora misooma fuulduree, sirna faayinaansii fi galii walitti qabuu Finfinnee qoodaniiruu ibsaniiru.
Waltajjicharratti Baankiin Misoomaa Afrika misooma magaalotaaf kan oolu deeggarsa Doolaara biiliyoona 2.5 fi dhiyeessii liqii raggaasisuu ifoomsaniiru.
Baankiiin Misooma Afrikaa fi dhaabbilee tumsitootaa deeggarsa maallaqaa dhiyeessanii fi fayyadamtoota liqii ta’uuf pirojektoota misooma bu’uuraa ta’an dhiyeessuun fudhatama argachuu himaniiru.
Saganticharratti kan hirmaatan Dhaabbilee Idil Addunyaa fi Ardii, Finfnneen jijjiirama saffisaa galmeessaa jiraachuu, nagaa fi tasgabbii qabaachuu eeruun, magaalattiitti hojii invastimantiirratti bobba’uun bu’aa qabeessa ta’uu eeramuu himaniiru.
Carraalee fi dandeettii jiru hundaa qindeessuun Magaalaa Finfinnee dorgomtuu fi filatamtuu taasisuuf galmoota qabaman ni milkeessinaa jedhaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.