Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Kutaa Magaalaa Eekkaatti giddugala nyaataa ijaarame eebbisan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kutaa magaalaa Eekkaatti Dhaabbtaa Konistiraakshinii Ityoophiyaan giddugala nyaataa hundaa’e eebbisisaniiru.

Giddugalli kutaa magaala Eekkaatti ijaarame kun karoora guyyoota 60 keessaa tokko ta’uun eerameera.

Ityoophiyaan kan jijjiiramtu hunduu walta’uun yoo hojjeteedha kan jedhan Aadde Adaanech, lammiileen, naannawaa isaaniitti kutaalee hawaasaa sadarkaa gadaanaarra jiran akka yaadatan gaafataniiru.

Dhaabbileen Magaala Finfinnee keessaa, dhiibbaa hawaasa magaalattii salphisuu akka qaban ibsanii, dhaabbileenis fakkeenyummaa Dhaabbata Konistiraakshinii Ityoophiyaarraa barachuu qabu jedhan.

Dhaabbanni Konistiraakshinii Ityoophiyaa duraan hojiin giddugaloota nyaataa hundeessuu wayita eegalu, giddugaloota nyaataa tokko tokko tolaan ijaaruu eeranii, kan har’aa eebbifamees buusii dhaabbataa miindaa hojjetoota dhaabbatichaan kan ijaarame ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Giddugalichi lammiilee 200 keessummeessuu danda’uudha jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:

Telegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuki:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.