Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Itti Gaafatamtuu Dhimmoota Balaa Tiraafikaa Biluumbargi Filiintirooppi waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Itti Gaafatamtuu Dhimmoota Balaa Tiraafilkaa Biluumbargi Filiintrooppi Keelii Laarsanii fi waahila isaanii hoggantoota Inistiitiyuutii World Resource fi Yuunivarsiitii Joon Hoopkiinsi waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Maanaajimantii Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee, dhimmoota walta’iinsa nageenya tiraafikaa fi hojiirra oolmaa tarsiimawaa irratti ba’inaan mari’ataniiru.

Bu’aalee damichaan hanga ammatti galmaa’anii fi fakkeenyummaa magaalattiin qabdu ilaalchisee dinqisiifaannaa isaanii ibsuu himaniiru.

Dhaabbileen kunneen tumsa taasisaniif galateeffatanii, walta’iinsa qaban itti fufsiisuuf, sadarkaa ce’umsaa fi guddina magaalattiitti mul’ataa jiru gitutti guddisuuf waligalteerra ga’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.