Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Ilaalcha gargaaramuu fi kadhaa hambisuu, carraa hojii uumuu fi qaala’iinsa jireenyaa ilaalchisee hoggantoota magaalichaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ilaalcha gargaaramuu fi kadhaa hambisuu, carraa hojii uumuu fi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu ilaalchisee hoggantoota magaalichaa waliin mari’ataniiru.

Ilaalcha gargaaramuu fi kadhaa hambisuu, carraa hojii bal’inaan uumuu fi dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa waaraan hir’isuurratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu fi dhimmicharratti hoggantoota guutuu magaalichaa waliin mari’achuu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Humnoota misoomaa walitti hidhuu fi qabeenya kuufamaa jiru fayyadamuun hojiilee eegalle milkeessuuf hojii hubannoo uumuu fi bu’aa qabeessummaa hojii itti fufsiisuuf ni hojjenna jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.