Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech ijaarsa mana jireenyaaf dhagaa bu’uuraa kaa’an

Finfinnee, Guraandhala 24, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Kutaa Magaalaa Lidataatti ijaarsa Mana jireenyaa eegalchiisan.

Ijaarsi manneen jireenyaa kunis gamoo abbaa darbii sagalii yoo ta’u kutaalee 300 kan qabaatuu ta’uun ibsameera.

Aadde Adaanech wayita ijaarsicha eegalchiisanitti, rakkoo manneen jireenyaa Magaalaa Finfinneetti mul’atu furuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Ijaarsi pirojektichaas misooma yaadannoo Adwaaf lammiilee kaafamanii fi lammiilee misoomaan kaafamaniif kan oolu ta’uu ibsuun, ijaarsichi wayita xumuramu maqaa gaarii magaalattii guddisuurra darbee jireenya lammiilee kan ammayyeessu ta’uun eerameera.

Pirojektichi yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramus himan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.