Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech hojjettoota misoomaa magaalattii dabaree halkanii jajjabeessan

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)– Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hojjettoota hojiilee misoomaa Magaalattii sa’aatii 24 hojjetaa jiran jajjabeessan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, harkoota Magaalaa Finfinnee miidhagsaa fi akka haaraatti ijaaraa jiraan, hojjettoota sa’atii 24 torban guutuu hojjetan daawwachuun kana qajeelchaa, kana sirreessaa, saffisaa jechuun hojii gamaaggamuu qofaa utuu hintaane, hojjettoota dabaree halkanii irbaataa akka nyaatanii fi hoji isaaniif daran akka kaka’an galateeffachuu fi jajjabeessaa jiraachuu eeran.

Pirojektichaan hojjettootaa tattaaffii taasisaa jiran nyaachisuu fi jajjabeessuurratti kan argaman jiraattota Magaalaa Finfinnees galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.