Aadde Adaanech fi Aadde Mufaariyaat Kaamiil warshaa buddeenaa daawwatan
Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Ministirri Ministeeraa Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil Warshaa Buddeenaa daawwataniiru.
Daawwannaa isaaniin haadholii carraan hojii uumameef jajjabeessaniiru.
Warshichi carraa hojii dubartootaaf uumuutti dabalataan oomisha qulqullina isaa eeggate dhiyeessaa jiraachuu Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Warshichi gabaa tasgabbeessuuf gahee olaanaa akka qabu Aadde Mufaariyaat himanii, walitti hidhamiinsa gabaa cimaa uumuurratti kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.