Aadde Adaanech dubartoota magaalittii waliin mari’achaa jiru
Finfinnee, Caamsaa 5, 2015 (FBC) Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dubartoota magaalittii waliin mari’achaa jiru.
Marichis mata duree “Badhaadhina Dubartootaaf, Dubartoonni Badhaadhinaaf” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Hirmaattonni marichaas, dubartoota ga’oomsuuf hojiilee hojjechaa jiru jabeessaniiru.
Kanneen humna hinqabnee fayyadamtootaa sheediif maaltu yaadame?; baraa teeknoolojii waan ta’eef haadholiin teeknooloojiin akka bitanii gurguran leenjiin utuu kennamee; bakka tursiisa daa’immanii naannwaa hundaatti utuu ijaaramee, dubartoonni fayyadamtoota hawaasummaa, diinagdee, siyaasaa akka ta’aniif hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufan gaafatameera.
Maricharratti dubartoonni kutaalee magaalattii 11’n irraa baba’an kuma 15 ol hirmaachaa jiru.
Fatiyaa Abdallaa fi Maartaa geetaachootu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.