Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Bakka Buutuu UNIDO yeroo isaanii xumuran waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen yeroo isaanii kan xumuraan Bakka Buutuu fi Daayrektara Naannawaa Dhaabbata Misooma Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii (UNIDO) Oreliyaa Paatiriiziyaa Kaalaabroo waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasumma isaaniin, Oreliyaa Paatriziyaa Kaalabroo dhaabbatichaatti turtii hojii isaaniin misooma hunda hammataa fi waaraa Itiyoophiyaa deeggaruun murannoo hooggantummaa agarsiisaniif galateeffataniiru.

Fuuldurattis, bulchiinsi magaalichaa, dandeetti dubartootaa dagagagsuu fi carraa hojii uumuun raawwii eegalee waloomaan hojjechuun itti fufsiisuuf waliigaltee irra ga’uu dubbataniiru.

Dabalataan barri hojii isaanii itti aanu kan milkii akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.