Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech adeemsa ijaarsa Istaadiyamii Idil Addunyaa Aqaaqii daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen adeemsa ijaarsa Istaadiyamii Idil Addunyaa Aqaaqii dabalatee pirojektootaa biroo magaalattiitti gaggeeffamaa jiran daawwataniiru.

Pirojektoonni kunneen adeemsa ijaarsa isaaniin jiraattoota hedduuf carraa hojii kan uumu ta’uun, hojiileen gaggeeffamaa jiranis adda durummaan xiyyeeffannaan kan hordofaman ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Pirojektoonni kunneen adeemsi ijaarsa isaanii saffisaa jiraachuu hubachuu himan.

Magaalaa Finfinnee magaalaa haqni hawaasummaa itti mirkanaa’e, magaalaa hojii fi jireenyaaf mijattuu akkasumas giddugala hawattumaa idil addunyaa taasisuuf carraaqqiin tajaajiluu itti fufna jechuun ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.