Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017(FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin Iyyesuus Kiristoos Fannoorratti fannifamee, dhiiga isaa dhangalaasee, ijoollee isaa hundatti jaalala argisiisuu himaniiru.

Wayita biyya lafaarraa turetti gatiin Fannoof kaffalame, gidduu keenyaa garaagarummaa tokko malee jaalalaan, dhiifamaa fi waliif yaaduun akka jiraanuufi jedhan.

Miidhagina Magaalaa Finfinnee kan ta’e sirna Damaraa Masqalaa akka fakkeenya isaatti, dhala namaa hundaa jaallachuun, walta’uun, walkabajaa fi jaalaalan duudhaalee ayyaanichaa eeguun haala miidhagaa fi hoo’aa ta’een akka xumuramu jiraattooni magaalatti gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Ayyaanichis kan jaalalaa, gammachuu fi waloomni daran itti mul’atuu fi ayyaana miidhaga akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.