Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen abbootii qabeenyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 25, 2015(FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Abbootii qabeenyaa gaaffii misoomsuu dhiyeessuun piroojektotasaaniif lafti murteeffameef waliin mari’atan.

Aadde Adaanech Abeebeen abbootii qabeenyaa gaaffii misoomsuu dhiyeessaniifi piroojektoonni isaanii guddina magaalichaaf faayidaa olaanaa qabuufi rakkoo uummataa furuu danda’an lafti ramaddiin akka kennamuuf murtaa’eef waliin mari’ataniiru.

Lafti heektaarri 150 ramaddiin akka kennamuuf murtaa’uu ibsuun piroojektoonni dhiyaatan magaalicha kan madaalan, gama carraa hojii jiraattota magaalichaaf uumaniin akkasumas gahee guddina magaalichaaf gumaachaniifi rakkoo hawaasumaafi diinagdee hir’suurratti qabaniin murtaa’uu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneenis piroojektoota isaanii amanamummaan akka misoomsan waliigalteerra gahamuu addeessaniiru.

Piroopoozaalli abbootiin qabeenyaa kunneen dhiyeessan hojiimaata ifa ta’een sakatta’amuu eeruun lafti ramaddiin kennamuuf murtaa’e giddugaloonni gabaafi hoteelonni gurguddoon tajaajila hunda galeessa kennan akka ijaaramaniif, jiraattota magaalichaaf carraan hojii akka uumamu akkasumas galiin magaalichaa akka dabaluuf waan ta’eef abbootiin qabeenyaa kunneen sadrkaa fedhii magaalichaatti qophaa’uufi misoomsuu akka qaban ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa gamasaaniin, hojiimaatni iftoomina qabu qophaa’ee misoomsitoonni hoteelotaafi giddugaloota gabaa, dhaabbilee amantaaf ammoo bakki waaqeffannaa akka kennamu taasifamuun haqummaafi walqixummaa ifatti kan mul’ise waan ta’eef bulchiinsa magaalichaa galateeffachuu kaasaniiru.

Laficha amanamummaan kaayyoo qabameef oolchuun, hojii mootummaan piroojektoota gurguddoo magaalicha jijjiiran hojjechaa jiru qabatamaan deeggaruun dirqama lammummaa ba’achuuf kan hojjetan ta’uu waadaa galuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabrsaniin eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.