Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abbootii Amantaa fi jirattoota magaalicha waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaanni Cuuphaa duudhaa isaa eeggate akka kabajamuuf abbootii amantaa fi jirattoota magaalichaa waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaanin, “Cuuphaan tuuristoonni biyyaa alaa gara magaalaa keenyaa dhufan kan hawwatu fi UNESCO’tti kan galmaa’e faaya biyya keenyaa, ayyana guddaa ta’uu isaatiin, karaa nagaan akka kabajamuuf hunduu gahee mataa isaa bahachuu qaba” jedhan.

Adde Adaanech ayyaanichi kan nagaa fi jalalaa ta’uu isaan, walkabajuu fi waldeeggaruun kabajamuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.