Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanachi qaamolee ijaarsa Gola Hambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaarratti hirmaatan galateeffatan

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen qaamolee ijaarsa Gola Hambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa fi qophii waliigalaarratti hirmaatan galateeffataniiru.

Ijaarsi waggoota 4 fudhate kun piroojektii jabaa Finfinnee kennaa guddaa Itiyoophiyaa fi Afrikaa ta’uu Aadde Adaanach sagantaa beekkamtii laachuu qophaa’eerratti ibsaniiru.

Ijaarsi Gola Hambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa tumsaan yoo hojjenne hojii gurguddoo hojjechuufi rakkoo keessaa bahuu akka dandeenyu kan agarsiise ta’uu eeraniiru.

Qaamolee fi dhaabbilee hojiin kun milkaa’uu qooda isaanii bahatan hunda galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.