Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanachi ambaasaaddaroota biqiltuuwwan kunuunsan galateeffatan

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanchi Abeebee Ambaasaaddaroota biqiltuu kanaan dura dhaabate kunuunsa galateeffaniiru.
 
Aadde Adaanachi, Finfinneen giddugaloota dippiloomaasii addunyaa keessaa tokko ta’uu fi iddoo jireenya ambaasaadaroota biyyootaa fi ardiiwwan garaagaraa ta’uu ishee Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Dhugaan garuu Finfinnee bakka jireenyaa kan taasifatan ambaasaddarootadha jedhan.
Har’a biqiltuuwwan hawaasni idil adunyaa fi dippiloomaasii kanaan dura dhaaban kunuunsa taasisaniifii jiru.
 
Ambaasaaddaroota kanneef galata guddaan qaba jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.