Aadde Adaanach Ityoophiyaanootaa fi dhalattoota Ityoophiyaa Waashingitanii fi naannawaashee jiran waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Ityoophiyaanootaa fi dhalattoota Ityoophiyaa Waashingitanii fi naannawaashee jiran waliin mari’ataniiru.
Aadde Adaanach marii isaaniin carraawwan invastimantii jiran ilaalchisee odeeffannoo waliigalaa wal jijjiiruu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Miidiyaalee garaagaraan odeeffannoo sobaa tamsa’an caalaa Finfinneetti hojiiwwan nama giddu galeeffatan gurguddaa fi piroojektoonni hedduu hojjetamuu isaanii hawaasni diyaaspooraa akka hubatan taasiifamuu kaasaniiru.
Jiraattoonni kunneen Piroojektii maaddiin dhalootaaf Doolaara kuam 200 waadaa galuu ibsaniiru.
Aadde Adaanach turtiin Ameerikaatti taasiisan akka milkaa’u Ameerikaatti hojjettoota Embaasii Ityoophiyaa fi hawaasa diyaaspooraa qooda olaanaa qaban galateeffataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.