Aadde Adaanach ijaarsa warshaa Oomisha Buddeenaaf Lammii Kuraatti dhagaa bu’uuraa kaa’an
Finfinnee, Mudde 27, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen warshaa Oomisha Buddeenaa Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti ijaarramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
Warshaan kun haadholii fi dargaggoota kuma 4 oliif carraa hojii kan uumu yoo ta’uu, guyyaan Buddeena kuma 280 ol oomishuu danda’a jedhame.
Warshaan Tolchaa Buddeenaa kun eelee Kuma 1 kan qabu yoo ta’uu, baatii 3 keessatti ijaarsi isaa kan xumuramu ta’uu Aadde Adaanachi fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Maaddiin Ityoophiyaa Buddeeniin guutee akka dhiyaatu warshaan Ityoophiyaatti isa jalqabaa fi addaa ta’e dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun hojii jalqabsiisuu isaanii himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.