Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach hawaasa daldalaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee qaala’iinsa jireenyaa ilaachisee hawaasa daldalaa waliin mari’atan.
Sababa ka’umsa qaala’iinsa jireenyaa yeroo ammaa muudatee fi furmaata isaarratti mari’ataniiru.
Shirri diinagdee qaala’iinsa jireenyaa hammeessuun ummatarra miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsameera.
Aadde Adaanach hawaasni daldalaa haala biyyattiin yeroo ammaa irra jirtu hubachuun bu’aa caalaa biyyaa fi ummataaf dursa laachuu akka qaban dubbataniiru.
Daldaltoota shira diinagdee uumaan, oomisha dhoksuun gabaan akka hin tasgabboofnee fi qaala’iinsi jireenyaa akka hammaatu taasiisan Juuntan adda baafnee hin ilaallu jedhan Aadde Adaanach fuula Feesbuukii isaaniin.
Jiraattoonni magaalichaa qaamolee shira diinagdee uumaanii fi daballii gatii hin malle taasiisan to’achuuf tattaaffii taasiifamu akka tumsan gaafataniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.