Aadde Adaanach Gaabiiwwan waltajjii adda addaarratti kennaan argatan harka qaleeyyiif arjooman
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Gaabiiwwan/Kutaawwan waltajjii adda addaarratti kennaan argatan harka qaleeyyiif arjoomaniiru.
Aadde Adaanach naannoo Birbirsa Gooroo fi Masjiida Beeniitti argamuun harka qaleeyyii naannolee manneen amantaa jiraataniif arjoomaniiru.
Namoota oolmaa guddaa biyyaaf oolanii sababoota garaagaraan daandirratti kufanii hafaniif Gaabiiwwan aadaa badhaasaan Waltajjii adda addarraatti argatan ummata bakka bu’uun arjoomuu isaanii aadde Adaanach ibsaniiru.
Qaamolee kanneen Ganni osoo hin seeniin daandirraa kaasuun jireenya isaanii jijjiiruuf hojiin eegalamee cimee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.