Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach dubartoota magaalaa Finfinnee keessaa walitti babba’aniif muuxxannoo qoodan

Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dubartoota magaalaa Finfinnee keessaa walitti babba’aniif muuxxannoo qoodaniiru.
Waltajjiin marii dubartoonni bu’aa qabeessa ta’an muuxxannoo itti qoodanii fi hirmaannaa ijaarsa biyyaa keessatti qaban iiti qoodan mata duree ‘Muuxxannoo jireenya koo nan qooda’ jedhuun gaggeeffameera.
Aadde Adaanach Waltajjicharratti argamuun muuxxannoo jireenyaa isaanii qooduun rakkoo muudate fuuldura dhaabbachuu malee dheeffuun bu’aa kan hin qabne ta’uu kaasaniiru.
Dubartoonni rakkoo isaan muudate gara carraatti jijjiiruun ofitti amanamummaa cimsuu, dandeettii adda baasuu fi nan danda’aan yaaluun bu’aa fooyya’aaf kan isaan qaqqabsiisu ta’uu dubbataniiru.
Bu’aa fi jijjiirramarra ga’uuf dubartoonni qormaata walxaxaa isaan muudate jabinaan darbuun kan irraa eegamu ta’uu Aadde Adaanachi eeraniiru.
Wayita rakkoon isaan muudate qaama biroo hamachuurra furmaata barbaadurratti yeroo isaanii dabarsuu akka qaban hubachiisuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.