Aadde Adaanach boqachuu Dooktara kabajaa Abbabach Goobanaa gaddi itti dhaga’amuu ibsan
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen boqachuu haadha hiyyeessaa Dooktara kabajaa Abbabach Goobanaa gaddi onnee camse itti dhaga’amuu ibsaniiru.
Haadha miiliyoonotaa, fakkeenyaa haadhummaa, gaarummaa, jaalalaa, kutannoo fi jabeenyaa “Maazar Tireezaa Itoophiyaa” jennee gochaa gaarii isaanitiin kan isaan kabajnu, kan mararamnuuf, umrii dheeraa fi fayyaa hawwaafii kan turre fakkeenyi teenya Doktarri kabajaa Abbabach Goobanaa (Iddaayyee) du’aan Addunyaa kanarraa boqachuu isaaniitti gadda cimaa itti dhaga’muu Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Nurraa qaamaan adda bahanis hojiin gootummaa fi gaarummaa isaanii bara baraan kan jiraatu waan ta’eef yoomiyyuu faarfamaa, yaadatamaa, galateenfamaa fi onnee keenya keessa iddoo guddaa qabaatanii jechuun ibsaniiru.
Uumaan jannataan isaan yaa qananiisu!
Ijoollee , jaalattootaa, firoottanii fi guutuu ummata magaalaa Finfinneef jajjabinan hawwaniiru.
Hojiin gaariin isaan eegalan tasumallee kan adda hin citne ta’uu maqaa kiyyaa fi bulchiinsa magaalaatiin ibsuun barbaada! jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.