Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebeen proojektoota Gamtaa Afrikaa Finfinneetti ijaarramaan ilaalchisee Gamtaa Afrikaatti ambaasaaddara Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen proojektoota Gamtaa Afrikaa Finfinneetti ijaarramaan ilaalchisee Gamtaa Afrikaatti ambaasaaddaraa Chaayinaa Liiyoo Yuushii waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanach fuula Feesbuukii isaaniitin akka beeksisanitti, ijaarsi waajjira muummee ittisaa fi to’annoo dhibee Afrikaa akka milka’uuf kallatti tumsaa irratti walii galu ibsaniiru.

Finfinnee kan Ityoophiyaa qofa osoo hin taane teessoo Gamtaa Afrikaa fi handhuura dippiloomaasii fi siyaasaa ardiichaa ta’uu eeraniiru.

Aadde Adaanach waajjirri muummee ittisaa fi to’annoo dhibee Afrikaa Finfinneetti akka ijaarramuuf qaamolee gumaacha taasisaan maqaa magaalichaan galateeffataniiru.

Ijaarsa waajjirichaaf dhagaan bu’uura tibba darbee kan ka’aamee yoo ta’u, magaalaa Finfinnee naannoo Haaylee Gaarmaanttitti kan ijaarramuu fi baasiin giddugalichaa mootummaa Chaayinaa kan uwwiifamu ta’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.