Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebeen Kutaa Magaalaa Lidataatti haala kenniinsa tajaajilaa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Kutaa Magaalaa Lidataatti haala kenniinsa tajaajilaa daawwataniiru.

Aadde Adaanach daawwannaa isaaniin cinaatti tajaajilamtoota waliin mari’achuu ibsameera.

Halli kenniinsi tajaajilaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa jiraachuu aadde Adaanach dubbataniiru.

Rakkoolee hunda yeroo tokkotti furuun danda’amuu baatus rakkoolee furmaata ariifachiisaa barbaadaniif dursa kennuun furaa jiraachuu eeraniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalichaa Obbo Assaggidaw Hayilagiyoorgis gamasaaniin, rakkoolee hawaasa kutaa magaalichaa sadarkaa sadarkaan furuun bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.