Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebeen Fooramii  kantiibotaa Idil Addunyaa C40 irratti muuxannoo Ityoophiyaa qoodan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015(FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Fooramii  kantiibotaa Idil Addunyaa C40 Arjantiinaa magaalaa Boonas Ayirasitti gaggeeffamaa jirurratti muuxannoo Ityoophiyaa qooduu ibsame.

Aadde Adaanach fooramichaan cinaatti kantiibota biyyoota Afrikaa garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Maricharratti kantiibonni magaalota kanneen akka Keeptaawon, Daakar, Daaresalaam fi kanneen biroo waliin dhiibbaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa diinagdee irraan gahurratti mari’achuu eerameera.

Maricharratti muuxannoo Ityoophiyaa qooduu ibsameera.

Dabalataanis Aadde Adaanach kantiibaa magaalaa Landan Saadiq Kaahaan, C40’tti Daayrektara Afrikaa Haastiingis Chiikookoofi Hogganaa Eegumsa naannoofi Inarjii Ameerikaa Daani’eel Koonar waliin dhimmoota hariiroo gam-lameerratti mari’achuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.