Aadde Adaanach Abeebee qaamolee waamicha biyyaaf deebii laatan hunda galateeffatan
Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) – Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee qaamolee waamicha biyyaaf deebii laatan hunda galateeffataniiru.
Torbee lamaan darban keessatti qofa kutaaleen hawaasaa garaagaraa magaalaa Finfinnee Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 40 ol akaakuu fi maallaqaan deeggarsa taasiisuu ibsaniiru.
‘Yoo waltumsine Ityoophiyaan ni injifatti’ jedhaan Aadde Adaanach fuula miidyaa hawaasummaa isaaniin.
Jiraattoonni magaalichaa deeggarsa hunda galeessa itti fufiinsan akka taasiisaan waamicha dhiyeessaniiru.
Bulchiinsa magaalichaarraa kaasee kutaalee magaalaa, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee amantaa, waldaalee Siiviilii hawaasaa, gurmaa’iinsi koorniyaalee, manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa waan qaban qooduun waamicha biyyaaf deebii laataniif galateeffataniiru.
Qaamoleen kunneen ammas iddoo fi kallattii hundaan deeggarsa taasiisan itti fufuu isaanii ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.