Aadde Adaanach Abeebee qaamolee biyya baraaruuf waamicha dhiyaateef deebii laatan galateeffatan
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)-Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee sagantaa galii walitti qabuu Ityoophiyaa baraaruuf gaggeeffameef qaamolee deeggarsa taasisaan galateeffataniiru.
Aadde Adaanach fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, Raayyaa ittisa biyyaa keenya deeggaruu fi garee Shororkeessaa ABUT Waraana baneen lammiilee buqqa’an deebisnee dhaabuuf kaleessa galgala Muummeen Ministiraa Abiy bakka argamanitti sagantaa galii walitti qabu Ityoophiyaa baraaruu hoteela Sharaatan Addisitti gaggeeffameen Birriin biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 40 fi kuma 700 ol walitti qabu dandeenyeerra jedhan .
Deeggarsa kana kan taasistan Ijoollee Ityoophiyaa gaafa rakkoo, maqaa kiyyaa fi bulchiinsa magaalaatiin kabaja onnee koo irraa madde dhiheessuun barbaada jedhaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.