Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee kabaja ayyaana Adwaa 126ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee kabaja ayyaana Adwaa 126ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergichaa akka armaan gaditti dhiyaateera

Adawaa Injifannoo Uummata Gurraachaa, Hundee Tokkummaa Itoophiyaanotaa, Seenaa Ho’aa Dhiigaa fi Lafee Hin Banneen Barreeffame!

Baga Ayyaana Injifannoo Adawaa Waggaa 126ffaa Nagaan Geessan!!

Ayyaanni injifannoo Adawaa baranaa ammoo Itoophiyaa keenya Adawaa fakkaataniin faca’uu irraa kan oolche, Abbaay ifa akka maddisiisuun kan taasisee fi akkasumas irree tokkummaa keenyaan injifannoo argamaniin dabaalamee, ho’ee kan kabajamu ta’uun isaa ayyaana injifannoo Adawaa baranaa kan yeroo kamiyyuu caalaa adda isa taasisa.

Gootonni Adawaa kan dhugaatti du’uun isaanii Itoophiyaa kan itti fufsiisan, bilisummaa kabaja isaa waliin kan ho’isan, kan barreessan du’a bilisummaan kan kaasan, biyyaan olitti homtuu akka hin jirre hojiin kan mirkaneessan hangafoota guddoodha. Abbootiin keenya durii fi haadholiin keenya hojiin Itoophiyaa ta’anii, Itoophiyaan qixxaatanii kufuun isaaniitiin har’a nuyiin mataa ol qabaniiru.  Kan nuti boonnee fi akka barbaanetti deemnu , qor-qalbii fi ol akka jennu  saba uffate  taasisaniiru.

Faana waraana Itoophiyaa keenyaatiin uummattoota gurracha addunyaatiif seenaa bilisummaa barreessuu eegalan.

Seenaa ho’aa Adawaa kana kan kabajaan qulqullaa’e ayyaana kabajamaa keenya.

Injifannoon Adawaa gaara guddaa olitti seenaa fi uummanni guddaa  akka jiru addunyaa kan barsiise Paan Afrikaanizimii fi  injifannoo bilisummaa gadameessa uummattoota cunqurfamooti. Injifannoon Adawaa injifachuu, jaalala injifannoo dhiifama waliin wal simsiisee kan cabse seenaa bilisummaa hunda keenyaati.

Adawaan Itoophiyaattis, addunyaattis Adawaa hedduu horateera.

Yeroo sanatti Itoophiyaanonni weerartoota alaa haalaa fi humna kamiinuu yoo dhufan mataa gadi qabuu fi deebisuu kan danda’an uummata gootota ta’uu isaanii irra deddeebiin mirkaneessaniiru.

Har’a waa’ee Adawaa yoo dubbannu, galaa Adawaa hedduu barsiisuufidhas. Adawaa kan seenessinu qofaa osoo hin taane, Adawaa Itoophiyaa badhaasuuf yaada guddaa fi abjuu kan itti galmaan geenyu ta’uu  isaa sirritti beekna!!

Kabajamtoota jiraattota magaalaa keenyaa,  harka butinsa, garaagarummaa hir’isuun ayyaana seena qabeessa kanarraa osoo hin hafiin  ajandaa nu qoqqoodu uumuun fi garaagarummaa kan hin guutame dhiisnee, akka abbootii keenyaa guddaa taanee, Itoophiyaa taanee, akka kabajnu waamicha koo isiniif dhiyeessuun barbaada.

Kabajni bara baraa Itoophiyaaf, Arfikaafis ta’ee gurraachota addunyaa maraaf burqaa kan taate gootota Adawaaf haata’u.

Ayyaana Injifannoo Adawaa Gaarii!!

Waaqni Itoophiyaa fi uummata ishee baay’isee haa eebbisu!!

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.