Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee jila garee Biig Wiin Filaantiroop Dooktar Kaasitabirhaan Adimaasuu waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee sagantaa kunuunsa daa’imummaa guddina duraa hunda haammate ( Childhood Development Program ) teessoon isaa Landan kan ta’ee Dooktar Kaasitabirhaan Adimaasuun kan hoogganamu garee Biig Wiin Filaantiroop waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanach Abeebee Fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanittti, Magaalaa keenya keessatti daa’imman kuma 300tti tilmaamaman gargaarsa barnoota duraa ni barbaadu jedhan.

Daa’imman abdii borii biyya keenyaa kan ta’aniif kununsa barbaachisaa gochuun barnootaan bu’a qabeessa akka ta’an kan taasisuu fi adeemsa badhaadhinaa biyyi keenya eegalte kan galmaan ga’udha jedhaniiru.

Sagantaa kunuunsa daa’immanii kun bulchiinsa magaalaa keenyaa fi Biig Wiin Filaantiroop baajata magaalaa irraa gargaarsa fi hooggantoota dhiyoo kennaa kan turree fi bu’aalee argaman babal’isuuf gara fuulduraatti cimnee kan waliin hojjannu ni ta’a jedhaniiru.

Guutummaan guututti yoo hojiirra oole naannolee biyya keenyaa hafanii fi biyyoota Afrikaafillee muuxannoo kan ta’udha jedhan.

Milkaa’ina sagantaa kanaaf gargaarsi dhaabbatichi taasisaa jiruuf maqaa bulchiinsa magaalattiin galateeffachuun barbaadas jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.