Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee daa’ima guddifachaan guddisan fuudhan

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee daa’ima guddifachaan guddisan fuudhaniiru.

Daa’ima guddifachaaf fuudhaniis Dibooraa jechuun maqaa kan moggasaaniif yoo ta’u, ijoolleesaanii waliin walqixa guddisuuf waada galaniiru.

Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hojii raawwachiiftoonni kutaa magaaloota Gullallee fi Kolfee Qaraniiyoo dabalatee kanneen biroon dhuunfa isaaniin daa’immaan tokko tokkoo guddisuuf fudhataniiru.

Akka EBC’n gabaaseetti hoji tola oltummaa ganna bara kanaan akka ajandaa tokkootti kan irratti hojjetamaa jiru sagantaa mata duree ‘maatii tokkoo daa’immaa tokkoof’ jedhun hanga ammatti daa’imman 306 maatii dhabaan maatii haara argachuu danda’aniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.