Aadde Aadde Sa’aadaa Abduraamaan ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Waxabajjii 8, 2016 (FBC) –Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduraamaan Ayyaana Iid Al Adaha waggaa 1445ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Hordoftoonni Amantaa Musliimaa hundi Ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) kan Bara 1445ffaa baga Geessan jedhan.
Wayita Arafaan dhufu, Nabiy Ibraahimiifi ilma isaa Ismaa’el yaadachuun hin oolu. Rakkoo fedhe keessatti ajaja Rabbiin fudhatanii raawwachuun injifannoof nama kaadhima. Qormaata boodas injifannoon waan hin oolledha. Injifachuuf ammoo, galmaafi mul’ata ofii beekuun murteessaadha.
Galma gahiinsi mul’ata keenyaas bu’aa bayii hedduu qabaachuu mala; wareegama adda addaa gaafachuus danda’a; galmi keenya garuu injifachuudha.
Nabiy Ibraahim, Rabbiin Ismaa’el aarsaa akka ta’uuf wayita isa gaafatu, boqonnaa qabsoo isa murteessaa keessa akka jiru hubachuun murtoo guddaa murteesse. Ismaa’elis, murtiin kun akka isa irratti raawwatamuuf abbaa isaa jajjabeessaa ture. Nabiy Ibraahim, ajaja Rabbiis shakkii tokko malee garaa guutuun raawwachuuf ilmasaa gaara Arafaatti olbaase. Rabbiin garuu, qulqullummaa keessoo Nabiyyichaa hubatee, hoolaa araaraa bakka wareegama Ismaa’el bu’uu danda’u qopheessee eege. Murtoon rabbiis hoolaa araaraa qophaa’e irratti ni raawwate. Nabiy Ibraahimis, injifannoon gale.
Mul’ata keenya bira gahuuf, tokkummaan cimnee hojjechuufi wareegama barbaachisu kaffaluun, akkuma Nabiy Ibraahim daandii injifannoo irraa nu imalchiisa. Waggoottan darban, qormaatilee hedduu nu mudatan keessa teenyee injifannoo cehuumsa biyyaa dhugoomsan galmeessaa dhufnee jirra. Imalli keenya hanga ammaa, qormaatilee carraatti jijjiiruun injifannoon kan guutamedha.
Hojiiwwan gurguddoo akka mootummaatti karoorfannee hojjechaa jirruun qindoomnee hojjennaan rakkoo kamiyyuu keessatti injifachuu akka dandeenyu irraa barannee jirra. Yeroon irratti argamnu boqonnaa murteessaadha. Yeroo itti mariifi marabbaan biyya boqonnaa haaraatti ceessifnudha. Yaadama waloo qabaannee, ilaalcha biyyaalessummaa gonfannee, rakkoolee seenessaan walqabatanii kaleessa nu qoraa turan hiikkannee biyya jabduu hundaaf taatu ijaaruuf mariitti jirra. Imalli boqonnaa haaraas fuula keenya dura jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, nagaafi tasgabbii ummata naannichaa mirkaneessuuf hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu hojjechaa jiruun cinaatti, misooma haqa qabeessaafi ummanni keenya sadarkaan irraa fayyadamuu danda’u dhugoomsuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Oromiyaa bu’uura hawaas-diiangdee jabaa qabdu ijaaruun, wabii biyyaa akka taatuuf ummata isaa waliin qindoomee hojjechuu irratti argama. Daandiin keenyas milkaa’aadha.
Ayyaana kana wayita kabajnus, fakkeenyummaa Nabiy Ibraahim yaadachaa, waan dandeenyu hundaan wal gargaarree, kan qabu isa hin qabne deeggaree, qaamaaf qalbiin wal bira dhaabbannee, duudhaalee gabbatoo kaleessa qabnutti fayyadamuun, nageenya naannoo keenyaa gamtaan mirkaneessuun, waloomaan waliin jiraachuu, gammachuufi jaalalaan ayyaana kana waliin kabajuutu nu ceessisa.
Caffeen Oromiyaas, duudhaaleen gaggaarii ummata keenyaa bahanii akka mul’ataniif hojiiwwan jalqabe cimsee itti fufa. Ummanni keenyas, tarsiimoo mootummaan isaa bocee gadi buusuuf qabatamaan hojiirra oolchee jijjiirama barbaadamu qe’ee isaatti fidaa akkuma jiru, muuxannoo kana caalmaan babal’isuun imala boqonnaa haaraaf of qopheessuuf cimee hojjechuu akka qabu dhaamaa;
Irra deebi’ee, hordoftoota amantaa Musliimaa maraan, baga ayyaana Id – Al – Adahaa (Arafaa), kan bara 1445ffaan nagaan isin gahee, waliin nu gahe jechaa, Arafaan kan gammachuu, milkii, jaalalaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwiin qabu ibsa.
Sa’aadaa Abduraamaan
Afyaa’ii Caffee Oromiyaa
Waxabajjii 08 Bara 2016
Finfinnee