Fana: At a Speed of Life!

Aadaan wal utubuu fi wal gargaaruu keenyaa bara haaraatti cimee itti fufuu qaba – Abbootii Amantaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) –Aadaan wal utubuu fi wal gargaaruu keenyaa bara haaraatti cimee itti fufuu qaba – Abbootii Amantaa

Abbootiin Amantaa garagaraa aadaan wal utubuu fiwal gargaaruu keenyaa cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Bara haaraa 2013 sababeeffachuun Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas, Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis, Phaaphaasiin Kaatoliikii Ityoophiyaa Kaardinaal Qulqulluu Birihaanayyasuus Suraafeeliifi Barreessaa Olaanaan Waldaa Amantootaa Wangeelaa Ityoophiyaa Luba Darajjee Jambaruu ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Abbootiin Amantaa ergaa isaaniin hojiin yaraa yeroo darbee deebi’ee akka hin uumamnee wanti gaariin biyyaa fi lammii akka dhaalu akka amantaa isaanitti hawwii gaariii ibsaniiru.
Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas ergaa isaaniin baga bara Yohaanis irraa gara bara Maatiyaasitti ceetaan jedhaniiru.

Preezdaantiin Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis erga baga geessanii dhaamaniiru.
Amala dhala namaa nu kennee kan hordoofnu nuyaa taasisus jedhaniiru.

Phaaphaasiin Kaatoliikii Ityoophiyaa Kaardinaal Qulqulluu Birihaanayyasuus Suraafeelii erga baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin rabbi bara haaraa si’a nuu kennu namoota waan gammachiisuu fi kaayyoo barbaaaduuf akka ta’ee dagachuu hin qabnu jedhaniiru.

Barreessaa Olaanaan Waldaa Amantootaa Wangeelaa Ityoophiyaa Luba Darajjee Jambaruu gama isaaniin erga baga geessanii dabarsaniiru.yakkinoota keessoo keenya mariin akka hikkanu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.