Fana: At a Speed of Life!

Aadaan dhiiga arjoomuu hawaasaa fooyya’uu akka qabu akeekame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Aadaan dhiiga arjoomuu hawaasaa fooyya’uun du’aatii sababa hanqinaa dhiigaan mudatu hir’isuun murteessaa ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa hubachiise.

Leenjin hubannoo arjooma dhiigaa hawasaa cimsuurratti xiyyeeffatee Adaamatti kennamaa jira.

Waltajjicharratti ogeeyyii miidiyaa fi kominikeeshinii, abbootii gadaa, haadholii siinqee, akkasumas, qooda fudhattoota dhimmichi ilaallatu biroon hirmaataniiru.

Biiroo fayyaa Oromiyaatti Daarekteerri Barnoota Fayyaa fi Koominikeeshinii biirichaa Sister Sa’aadaa Ahimad, dhiiga bakka bu’uu danda’u arjoomun, lubbuu bakka bu’uu hindandeenye baraarudha” jedhan.

Aadaa arjooma dhiigaa hawaasaa laafaa ta’uu kaasanii hawaasni hubannoo arjooma dhiigaarratti qabuu gabbachuu fi walhubachiisuun barbaachisaa ta’uu kaasan.

Biirichatti Qindeessaan Baankii Dhiigaa Obbo Geetuu Gabree gama isaaniin, aadaan dhiiga arjoomuu gadaanaa ta’uu kaasanii, akka maallaqaa dhiigas biyya alaarraa liqeeffachuun waan hindandeenyeef hawaasni dhiiga isaa arjoomee du’aatii sababa hanqina dhiigaan mudatu hir’isuun murteessaa ta’uu dhaamaniiru.

Oliiqaa Girmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.