Fana: At a Speed of Life!

Aadaa, duudhaafi naamuusni gaariin hawaasa tokkoo akka eegamuuf aadaafi duudhaaleesaa dhaloota barsiisuun barbaachisaadha- Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Amajjii 26, 2015(FBC)- Aadaa, duudhaafi naamuusni gaariin hawaasa tokkoo akka eegamuuf aadaafi duudhaaleesaa dhaloota barsiisuun barbaachisaadha jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Feestivaalli Aadaa 14ffaan mata duree “Aadaan keenya utubaa Tokkummaa Keenya”jedhuun  guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti kabajamuu eegaleera.

Feestivaalichi Amajjii 26-28, 2015’tti kan turu ta’uu ibsameera.

Aadaan madda eenyummaa hawaasa tokkoofi hawaasni tokko kan biroo waliin hariiroo kan ittiin uumu ta’uu aadde Adaanach ibsaniiru.

Ityoophiyaan biyya jabduu aadaafi eenyummaa hedduurraa ijaaramte ta’uu eeraniiru.

Aadaafi duudhaalee magaalicha keessa jiran carraa hojiifi madda galii taasisuun itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan gamasaaniin, aadaaleeniifi afaanonni Ityoophiyaa uummanni biyyattii eenyummaa isaanii eeganii waldeeggaruunii akka jiraatan taasisuu ibsaniiru.

Gola Ityoophiyaa hunda keessa aadaaleen gaariiniifi hedduun jiraachuu eeraniiru.

Aadaaleen babbareedoon biyyattii aadaalee alaa galaniin akka hin dhaalamne egamuufi kunuunfamuu akka qaban yaadachiisuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.