Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Ogeeyyii diinagdee yaa’ii idil addunyaa 20ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 14, 2015 (FBC)- Waldaan Ogeeyyii diinagdee Ityoophiyaa yaa’ii idil addunyaa 20ffaa gaggeessuu eegale.

Sirna baniinsa yaa’ichaarratti Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuu, Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeessar Birhaanuu Naggaa, bakka bu’oonni dhaabbilee fi ogeeyyii diinagdee biyyaa keessaa fi alaa argamaniiru.

Waldichi yeroo ammaa dhimmoota dinaagee Ityoophiyaa irratti xiyyeeffachuun dameewwan diinagdeerratti qorannoowwan gaggeeffamanirratti ni mari’ata jedhameera.

Obbo Maammoo Mihiratuun, dinagdee biyyattii fooyyessuun hojmanee hedduun akka hafan ibsaniiru.

Qaala’iinsa gatii addunyarratti mudachaa jiru biyyoota akka Ityoophiyaaf qormaata ta’uu eeruun, kan dandamachuuf Fooramii Diinagdee Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Waldichi dhimmoota diinagdeen walqabatan irratti qorannoo gaggeessuun qaamolee imaammata baasaniif yaada galtee dhiyeessa jedhameera.

Miniyichil Azzazaa fi Siisaay Duulaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.