Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Rifeeraalaa Yuunivarsiitii Jigjigaa Birrii Miiliyoona 500’n babal’ifame eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 13, 2015 (FBC)- Pirojektiin babal’isa Hospitaala Rifeeraalaa Yuunivarsiitii Jigjigaa Birrii miiliyoona 500’n gaggeeffame eebbifame.

Sirna eebbichaarratti Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Pireezidaantii Yuunivarsiitii Jigjigaa Sheek Hasan Yabare argamaniiru.

Hospitaalichi tajaajila tasaa fi ambulaansii sa’aatii 24 kan kennu yoo ta’u, siree tajaajilaa ciisanii walaa’anamuu 30 fi tajaajilaa MIR kan qabu ta’uun ibsameera.

Hospitaalichi kanaan dura tajaajiloota hinqabne dabalachuun hawaasa naannawichaa fi naannolee ollaa fayyadamtoota akka taasisuu Pireezidaanti Musxafee Mahaammad dubbataniiru.

Keessumaa hawaasni naannichaa tajaajila wal’aansaa barbaacha gara Finfinnee imaluun baasii hinmalleef kan saaxilaan naannawichaatti gatii madaalawaan tajaajilaamuu akka danda’an himaniiru.

Dooktar Liyaa Taaddasaan gama isaaniin, hospitaalichatti giddugalli wal’aansa tasaa fi ambulaansii babal’ifamuun sababa balaa tasaatiin du’aatii mudatu hir’isuuf gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeruu ragaan kominikeeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.

Hojiin babal’isa pirojektichaa Birrii miiliyoona 500 oliin taasifamuu fi naannichatti waliingahiinsa fayyaa fi qulqulina isaa gama guddisuutiin gaheen olaanaa qabaachuu Daayrektarri Olaanaan Hospitaalichaa Dooktar Abdullaahii Huseen ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.