Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa garee supparvizhiinii Naannoo Oromiyaarratti mari’atame

Finfinnee, Adoolessa 13, 2015 (FBC)- Gabaasa Gareen Hordoffii fi deeggarsaa federaalaa Naannoo Oromiyaatti taasise ilaalchisee mariin gaggeeffameera.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Koreen To’annoo fi Hordoffii Mootummaa Federaalaa guyyoota muraasa darban godinaalee Shawa Bahaa, Baalee, Jimmaa fi Harargee Bahaatti akkasumas Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa fi Roobeetti daawwannaa fi hordoffii hojii gaggeessa tureen gabaasaa daawwannaa dhiheessuu himaniiru.

Koreen Supparvizhinii Federaalaa Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan durfamus hojiilee Misoomaafi bulchiinsa gaarii naannoo Oromiyaa, kallattiiwwan xiyyeeffannoo 11 mootummaa Federaalaan ka’aaman bu’uureffachuun hordofaa fi gamaaggamaa turuu ibsaniiru.

Qophii karoora hojii irraa jalqabee hanga raawwiitti walhubannaan hoggansa Naannoo hanga gandaatti jiru fakkeenyummaa guddaa kan qabu fi milkaa’innonni gurguddoon kan jiran ta’uu eeruu ibsaniiru.

Ciminootaa fi hanqina gabaasan dhihaatanirratti hoggansa olaanaa naannoo fi koree waliin mari’achuun dhimmoota galtee hojii bara dhufuu ta’an addaan baafamuu himaniiru.

Gareen Supparvizhinii Federaalaas naannichatti kabajaaa fi deggarsa ummanni taasiseef galateeffachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.