Fana: At a Speed of Life!

Eebbifamtoonni ogummaa gonfataniin dhalootaaf karaa akka ta’an mootummaan haala ni mijeessa -Pireezidaanti Saahilawarqi

Finfinnee, Adoolessa 13, 2015 (FBC)-Eebbifamtoonni ogummaa gonfataniin carraa hojii uumuun dhalootaf karaa akka ta’an mootummaan haala kan mijeessu ta’uu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen dubbbatan.

Pireezidaanti Saalawarqi sirna eebba barattootaa Yuunivarsiitii Finfinneerratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Ityoophiyaan qormaatilee alaa fi keessa dandamachuun ijoolleeshee barsiitee eebbisuun cimina ishee agarsiisa jedhaniiru.

Barnoota jechuun yeroo gabaabaa keessatti baratanii qoramanii xumuruu akka hintaanee eeruunn, namni barates rakkoo biyyaa furuuf qorannoo gaggeessa malee madda rakkoo ta’uu hin qabu jedhaniiru.

Kanaafuu barachuun rakkoolee biyya ofii hubatanii yaada furmaataa fiduu fi hiikudha akka ta’ee ibsaniiru.

Yuunivarsiitiin Finfinnee waggoota 73’f hojii baruuf barsiisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka ture kaasanii, yuunivarsiitonni biyyattii burqaa yaadaa ta’uu akka qaban dubbataniiru.

Eebbifamtoonnis ogummaa eebbifamaniin maatiif ajajamuun biyyaa isaaniif akka hojjetan dhaamaniiru.

Ogummaa gonfataniin hojii uummachuun dhalootaf carraa hojii uumuun karaa akka ta’aniif mootummaan haala kan mijeessu ta’uu mirkaneessaniiru.

Gama biraatiin sirna eebbichaarratti Yuunivartsiitichi Hundeessaa Maqedooniyaa Biiniyaan Ballaxaa fi Aartisti Dabbabaa Isheetuf Dooktireetii kabajaa kenneera.

Mulugeetaa Girmaa fi Oliiqaa Girmaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.