Fana: At a Speed of Life!

Gaambeellaatti har’aarraa eegale daangeffamni sa’aatii labsame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Naannoo Gaambeellaatti har’aarraa eegalee kan hojiirraa ooluu daangeffamni sa’aatii labsameera.

Haala yeroo nageenyaa naannichaa ilaalchisuun miseensonni kaabinee walga’ii ariifachiisaa gaggeesseen murtoo garaagaraa dabarseera.

Rakkoo nageenyaa tibbana mudate sababeeffachuun galgala sa’aatii 1:00 hanga ganama sa’aatii 12:00’tti yeroo hinbeekamneef daangeffamnii sa’atii akka hojiirraa oolu labsameera.

Kanaan walqabatee humnoota nageenyaa ramadamaniin alatti daangeffama sa’aatii kaa’meen konkolaataanis ta’e, namni kamuu socho’uun dhorkaa ta’uu kaabineen naannichaa murtoo dabarseera.

Akkasumaas, qaamolee nageenyaan ala meeshaalee waraanaa qabatanii socho’uun akka hindanda’amnes eerameera.

Hojjettootaa mootummaas ta’e dhaabbileen daldalaa tajaajila kennan borurraa eegalee sochii idilee isaanii akka gaggeessan murtoo dabarseera.

Nageenyi boora’uu naannichatti mudate keessatti hoggantootas ta’e qaamolee biroo hirmaatan itti gaafatamoo akka ta’an beeksisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Nageenyaa naannichaa mirkaneessuuf daangeffama sa’atii kaa’ame kabajuu fi kabachiisuu keessatti kutaaleen hawaasaa itti gaafatamaan socho’uu akka qaban kaabineen naannichaa hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.