Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Fitsum Asaffaan Bakka Bu’aa Inistitiyuutii Dagaagina Magariisaa Idil Addunyaa (GGGI) waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)-Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan Ityoophiyaatti Bakka Bu’aa Inistitiyuutii Dagaagina Magariisaa Idil Addunyaa (GGGI) Daani’eel Ogbonayaa waliin mari’atan

Marii isaaniinis, Dooktar Fitsum Ityoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tarkaanfii siyaasaa fudhacha jiraachuu ibsan.

Inisheetiiviiwwan Ashaaraa Magariisaa karoora, tarsiismoo fi imaammataan deeggaraman hojiirra oolfamaa jiraachuu kaasanii, kananis qabeenyi umama manca’ee turee deebi’aa jiraachuun bu’aalee damichaan argaman ta’uu ibsa kennaniiru.

Bakka Bu’aan Dhaabbatichaa Daani’eel Ogbonayaa gama isaaniin, dhaabbanni isaanii jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf tattaaffiiwwan Ityoophiyaan taasiftu deeggaruu fi ministeericha waliin hojjechuu akka itti fufuu ibsaniiru.

Maricharratti Ministeerrii Pilaanii fi Misoomaa biyyoota miseensa Inistiitiyuutii Dagaginaa Magariisaa Idil Addunyaa waliin tarsiimoo hamma gadi lakkifama kaarboonii gadaanaa hojiirraa akka oolchaniif waliigalteerra ga’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.