Fana: At a Speed of Life!

Yakka Shorkessummaan kan himataman 24 mana amala sirreessaa akka galan ajajame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Mannii Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi 3ffaan Dhimmoota Farraa Shororkeessummaa, himatamtoota yakkaa shororkeessummaan himantaman Dooktar Wandasan Asaffaa fi Maskaram Abarraa dabalatee himatamtoonni 24, gaaffiin mirga wabii isaanii kuffisuun Mana Amala Sirreessaa akka galan ajaja kenne.

Abbaan alangaa himatamtoota irratti, kaayyoo warraaqsaa fi siyaasaa “Ka’umsi keenya Amaaraa ga’umsi keenya Ityoophiyaa” jedhu tarkaanfachiisuun, mootummaa biyyattii bulchaa jiru, keessumaa tooftaa fi tarsiimoo waraanaa bocuun, daandiilee Naannoolee naannoo Amaaraan waldaangessan geessan cufuun, ummata shororkeessuu fi mootummaa dirqamsiisuun aangoorraa buusuuf gochaalee shororkeessummaa eeruun himataa isaan ibseera.

Himatichaan gochaalee shororkeessummaa raawwatameera jedheen tajaajiloota hawaasaa addaa kutuu fi hokkara kaasuu eeruun, gochaa shorokeessummaa kanaan namoonni 217 lubbuu darbuu, namootaa 297 irra miidhaan qaamaa salphaa fi ulfaataan qaqqabuu akksumaas qabeenyi Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 298 fi kuma 346 fi 276 olitti timaamamu manca’uu eereera.

Himata abba alangaan dhiyate dubbisuun himatamtootaa erga dhageessiseen booda abukaatoon himatamtootaa mirgi wabii isaanii akka kabajamuuf gaafeera.

Haaluma kanaan falmii bitaaf mirgaa dhaggeeffachuun manni murtichaa himanni himatamtoota irratti dhiyaate mirgii wabii akka eegamuuf kan hintaasifne ta’uun, gaaffii isaanii kufaa taasisuun himatamtoonni Mana Amala Sirreessaa Finfinnee akka galan ajaja kenneera.

Taarik Addunyaatu gabase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.