Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanoonni seenaa magariisaa hojjetan – Dooktar Abiy

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) –Ityoophiyaanoonni Seenaa magariisaa hojjechuun, seenaa magariisaa barreessan jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dargaggoonni Aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuun riikkardii keenya akka fooyyessinu waamicha dhiyaate fudhachuun seenaa hojjetan hundi galata qabdu jedhan.

Guyyaa kaleessaa aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 566 ol dhaabbuun riikkardii fooyyissitaniirtu jedhan.

Naannolee, godinaalee fi aanaalee hunda keessatti biqiltuun dhaabbateera.

Iddoolee adda bahan kumni 9 ol qophaa’ee turuu kaasaniiru.

Ogeeyyiin miidiyaa kumni,3 fi 600 ol kutaalee biyyattiitti bobba’uu himaniiru.

Ogeeyyiin qonnaa fi Teelee qabiinsi ragaa akka ammayyoomu hojjetaniiru jedhan.

Taaksiiwwan magaalaa Finfinnee namoota biqiltuu dhaabaniiif tajaajila geejjibaa bilisaan laataniiru.

Daa’immaan, haadholiin, abbootiin fi qaama miidhamtoonni duulaan ba’uun biqiltuu dhaabaniiru.

Ityoophiyaan seenaa magariisaa hojjetterti jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Ityoophiyaanoonni gamtaan yoo dhaabbanne seenaan hin dalagne hin jiru jechuun ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.