Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti sagantaan dhaabbii biqiltuu aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 10, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraayitti sagantaan dhaabbii biqiltuu aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Pireezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa fi Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafooo dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa, naannoo Tigraayii fi kutaaleen hawaasaa hirmaataniiru.

Naannichatti nagaan bu’uun gara hojii misoomaatti deebi’uun waan gaarii ta’uu fi nageenya argame ittichuuf cimnee ni hojjenna jedhan Obbo Getaachoon.

Af- Yaa’iin Mana Maree bakka bu’oota Uummataa Obbo Taaggasee Caafoon gama isaaniin, naannoon Tigiraay hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi biqiltuu dhaabuun beekamaa ta’uu eeruun, nageenya wayita ammaa argame cimsuun hojiiwwan misooma biro hojjechuun kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.